lirik.web.id
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z 0 1 2 3 4 5 6 7 8 9 #

lirik lagu gutu abera - sinawayya

Loading...

sinawayya hunduma dhiisee
si argannan qalbin na ciisee
urjii barii ya biiftuu ganamaa
kan biraa hin fedhuu kiyya si’uma

sinawayya hunduma dhiisee
si argannan qalbin na cisee
urjii barii ya biiftuu ganamaa
kan biraa hin fedhuu kiyya si’uma

utuma jaallatuu onneen banamee
jedhee shakkii hin qabuu meeqaan ganame
guyyaan natti tolee bakkalchi ifaa
si jaallachuu borus ittuman fufaa
abbayyan waraabe halluuf qopheesse
halluuf qopheesse
(gara samiitti urri saaqee barressee)
bareeda kee ibsuuf jecha na hanqata kun dhugaa dha
(nama gaarii ta´uu kee onnen koo dubbata)
dabasa kee hiitee mormaaran callee harkisaa
halkan halkan dhuftee dhaabattee
(ijaa koo dura deeddemta)
haga amma bareeddu beekta jaalalle filamte
addunyaaf dhiyaattee dorgomta
(monaalizaa ee caalta)
jalalli kan kee humna koo darbee na caale dhukkubsee na hidde
sinawayya hunduma dhiisee
si argannan qalbin na ciisee
urjii barii ya biiftuu ganamaa
kan biraa hin fedhuu kiyya si’uma

sinawayya hunduma dhiisee
si argannan qalbin na ciisee
urjii barii ya biiftuu ganamaa
kan biraa hin fedhuu kiyya si’uma

akka yaandoo roobe bubbeen hagayya
sirraa adda hin ba´u dukkana´u guyyaa
simalee nan jette onnen gaggabduu
sirraan ala abdii ka biraa hin qabdu

sifaan bitaa hin yaadin meetiidhaaf waarqee kaadhimaa godhee
(calleef birrii morma kettii naqqadhee)
kan siif malu hinjiruu bakka hundumaa argee kee addaadha
(umamumaa keetu hirribaa na dhorkee)
birraatu bari´e siddisni lagaa lalisee latiin lagaa kunoo magaartee
(kanniisni daamuu dammeesse)
onne koo boojite jaalala dhugaan hidditee na dide bar jedhee si malee
(abbuma feete ee caalta)
lookoo bareeddu jedheen si waama jaalalle kottu gama dirree

sinawayya hunduma dhiisee
si argannan qalbiin na ciisee
urjii barii ya biiftuu ganamaa
kan bira hin fedhuu kiyya si’uma
sinawayya hunduma dhiisee
si argannan qalbiin na ciisee
urjii barii ya biiftuu ganamaa
kan bira hin fedhuu kiyya si’uma


Lirik lagu lainnya:

LIRIK YANG LAGI HITS MINGGU INI

Loading...